Sunday, September 05, 2010
Dh.R.TVOromiyaa :  Oduuwwan Gaggabaaboo
Ispoortii

Dorgommii fiigichaa Kiloo Meetra 10niin Haylee fi Warqinash moohatan.

Hyileen dorgommii kanarratti Riikardii haaraa galmeesisuuf karoorfatus haallii qilleensaa mijaawaa waan hin turreef hin milkoofne. Haata’uutii garuu dorgommii kana yeroo 3ffaaf walitti ansee mo’ateera. Dorgommii kana xumuruufis daqiiqaa 38 fi Sakaandii lama kan itti fudhatee yoo ta’uu Rikaardiin kanaan dura galmaa’ee jiru garuu daqiiqaa 27 fi seekoondii 1n ture. Warqinash Kidaaneen immoo yeroo jalqabaatiif dorgommii kilo Meetra 10 Ingilizii Magaalaa Maancheesteritti qophaa’ee mo’achuun milkoofteetti. Warqinash dorgommii kana xumuruuf Daaqiqaa 31 fi sakoondii 19 fayyadamteetti. Angaafni Atileetoota Daaraartuu Tulluun immoo dorgommii kana irraatti 6ffaa bahuun xumurte.
Ergaa
BAGA BARA 2003 NAGAAN GEESSAN! Barri kun kan badhaadhinaa, kan gammachuufi kan guddinaa isinii haatahu jechaa DhRTVO Ayyaanicha isiin waliin Kabajuuf KONSARTII BIRRAA Qaammee 5, magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti Qophessera! Kottaa Ayyaana Bara Haarawaa waliin yaa kabjnu! Kaardiin seensaa iddoo adda addaatti gurguramaa jira.
 .... dabalata

Beeksisa



Beeksisa

You are visitor number 51255