Sunday, September 05, 2010
Dh.R.TVOromiyaa :  Oduuwwan Gaggabaaboo
Ispoortii

Dorgommii FA Kappii Inglizii garee Cheelsii Injifate.

Cheelsiin goolii ittin Poortis Maa’uz mo’ate kan galcheef Diidiyaar Diroogbadha. Carloo Anchoolootiin Leenjisaa jalqabaa Xaaliyaanii yeroo jalqabaaf Waancaa Piirimaar Liigii Ingilizii fi FA kappii yeroo tokkootti garee Cheelsii akka fudhatu taasiseera. Milkaa’ina Garee Cheelsiif gaheen taphatootaa fi deeggartoota iddoo guddaa akka qabu bbc itti himaniiru. Waancaa FA Kaappii kana Ashiliiy Kool yeroo 6 garee Arseenaalii fi Cheelsii waliin fudhachuu Abbaa Riikardii ta’eera. Aneelkaan immoo Waancaa Piriimar Liigii Ingilizii fi FA Kappii fudhateera. Cheelsii waaliin yeroo 8ffaadhaaf waancaa kan fudhate Johaan Teeriin milkaa’inaa garee Cheelsii baranaatiif Diidiyer Diroogbaan galateeffamu qaba jedheera. Barana Cheelsiif gooliiwwaan 37 dorgommiwwaan adda addarratti kan galchee Diroogbaan taphaaf mijaa’aa kan hin taanee Istaadiyoomiin Weembileey akka haaraatti bara 2007 irratti taphatamuun erga jalqabee hanga ammatti Diroogbaan taphoota 6 irratti gooliiwwan 6 galchuun Rikaardii qabateera. Cheelsiin waggoottaan 4ffan keessaa yeroo sadii Waancaa FA Kaappii kan fudhatee yoo ta’uu walumaa galatti baraanas yeroo 6ffaaf injifateera.
Ergaa
BAGA BARA 2003 NAGAAN GEESSAN! Barri kun kan badhaadhinaa, kan gammachuufi kan guddinaa isinii haatahu jechaa DhRTVO Ayyaanicha isiin waliin Kabajuuf KONSARTII BIRRAA Qaammee 5, magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti Qophessera! Kottaa Ayyaana Bara Haarawaa waliin yaa kabjnu! Kaardiin seensaa iddoo adda addaatti gurguramaa jira.
 .... dabalata

Beeksisa



Beeksisa

You are visitor number 51255