Sunday, September 05, 2010
Dh.R.TVOromiyaa :  Oduuwwan Gaggabaaboo
Ispoortii

Dorgommii Laaligaa Ispeen Barseeloonaan mohate.

Kanneen keessaa immoo yeroo lama walitti ansuun. Baarseelona waancaa Laaligaa Ispeen baranaa kana kan fudhatee dorgommiiwwaan 38 ti gareewwaan adda addaa waliin taphatee keessaa taphatoota 31 mo’achuun , 6 qixa bahuun tokkoo immoo mo’atamuun qabxii 99n walitti qabachuun. Paawuundii miliyoona 250 baasuun taphatoota ciccimoo Addunyaa kana kan walitti qabatee gareen Reeyaal Maadiridii bara kana waancaa tokkoo illee osoo hin argatiin xumuruun isaa leenjisaa garee Reeyaal Maadirid Maanu’el Peeleegriinitti gaafii guddaa kaaseera. Reeyaal Maadriidi dorgommii xumuraa kanaanis goolii 1fi 1n Maalaagaa waliin qixa bahuun xumure. Ta’uus Vaaleenishiyaa fi Siiviilaa waliin hirmannaa chaamipiyoonsi Liigii Awuroppaa bara dhufuurratti hirmaachuu argateera. Maaloorkaa, Geetaafee fi Vilaariyaal immoo hirmannaa Waancaa kilaboota Awurooppaa kan argatan yoo ta’uu, Teneeriifee, Vaalaadoolidii fi Zeereez immoo sadarkaa gaditti kilaaboota gad bu’aniidha.
Ergaa
BAGA BARA 2003 NAGAAN GEESSAN! Barri kun kan badhaadhinaa, kan gammachuufi kan guddinaa isinii haatahu jechaa DhRTVO Ayyaanicha isiin waliin Kabajuuf KONSARTII BIRRAA Qaammee 5, magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti Qophessera! Kottaa Ayyaana Bara Haarawaa waliin yaa kabjnu! Kaardiin seensaa iddoo adda addaatti gurguramaa jira.
 .... dabalata

Beeksisa



Beeksisa

You are visitor number