Sunday, September 05, 2010
Dh.R.TVOromiyaa :  Oduuwwan Gaggabaaboo
Ispoortii

Dorgommii Seeriyaa Xaaliyaanii tapha xumuraa dorgomameen Gareen Intar Miilaan yeroo 5ffaaf Waancaa seeriyaa Xaaliyaanii fudhateera.

Waancaawwaan kanneen keessaa gareen Intaar Miilaan walitti aansee Waancaa seeriyaa Xaaliyaanii kana yeroo lamaa kan fudhate ergaa Joosee Mornihoon gara Intar Miilaan deemaniiyyi. Waancaa kana kan fudhatee gareen Inter Miilaan goolii tokko Diiyaagoo Miiltoon galcheen 1 fi 0n Seenaa mo’achuuni. Kana malees Roomaan goolii 2 fi 0n Keevoo Veeroonaa, Assii Miilaan goolii 3 fi0n Juuveentos m’achuun yoo milkaa’an, Saampidooroyaanis 1 fi 0n Naapoolii mo’achuu hirmannaa chaampiyoons Liigii Awurooppaa bara dhufuu argataniiru. Paaleermoo, Naapoolii fi Juveentus immoo hirmannaa waancaa kilaboota awurooppaa yoo argatan, Atalanta, Seenaa fi Livoornoon immoo gara sadarkaa gadiitti gad- bu’aniiru. Goolii heedduu galchuun immoo Antooniyoo Dinatalee Yuudinesii irraa gooliiwwaan 29n 1ffaa Diyaagoo Miiltoon Intar Miilaan irraa gooliwwaan 21n sadarkaa 2ffaadha.
Ergaa
BAGA BARA 2003 NAGAAN GEESSAN! Barri kun kan badhaadhinaa, kan gammachuufi kan guddinaa isinii haatahu jechaa DhRTVO Ayyaanicha isiin waliin Kabajuuf KONSARTII BIRRAA Qaammee 5, magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti Qophessera! Kottaa Ayyaana Bara Haarawaa waliin yaa kabjnu! Kaardiin seensaa iddoo adda addaatti gurguramaa jira.
 .... dabalata

Beeksisa



Beeksisa

You are visitor number 51255