Sunday, September 05, 2010
Dh.R.TVOromiyaa :  Oduuwwan Gaggabaaboo
Ispoortii

Adibaayeer

Ebla 5-2002[Dh.R.TV.O]: Taphataan fulduraa Intaarnashinalaa Toogoo fi Maancheester Siitii Emaanu’el Adiibaayor Dorgommiiwwaan biyyoolessaa gara gara Toogoon gareewwaan biroo waliin taphatturratti akka hin hirmaannee murteesse. Adiibaayoor kana kan murteesse Dorgommii Waancaa Afrikaa Angoolaan qopheesiteerraatti balaa dhukaasaa Kaabindaatti irra qaqqabeen namoonni lama du’anii kanneen biroorraa miidhaan salphaa fi Cimaan qaqqabeen Toogoon dorgommii Waancaa Afrikaa addan kuttee akka deebituu Pireezeedantii Toogoo fi Emaanuel Adiibaayoor murteessanii turunsaanii ni yaadatama. Haaluuma kanaan CAF Toogoon Waancaa Afrikaarraa waggaa lamaaf akka adabamituus murtee dabarsuun isaa ni yaadatama. Kanauma ilaalchisuun Adiibayoor Yaada kenneen adabbiin CAF Toogoorratti murteessee kana balaaleffachuun dorgommiwwan Intarnaashinaalaa kanaan boodaa Toogoon gareewwaan gara garaa waliin taphaturratti akka hin hirmannee feedhii isaan murteessera.
Ergaa
BAGA BARA 2003 NAGAAN GEESSAN! Barri kun kan badhaadhinaa, kan gammachuufi kan guddinaa isinii haatahu jechaa DhRTVO Ayyaanicha isiin waliin Kabajuuf KONSARTII BIRRAA Qaammee 5, magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti Qophessera! Kottaa Ayyaana Bara Haarawaa waliin yaa kabjnu! Kaardiin seensaa iddoo adda addaatti gurguramaa jira.
 .... dabalata

Beeksisa



Beeksisa

You are visitor number 51255