Sunday, September 05, 2010
Dh.R.TVOromiyaa :  Oduuwwan Gaggabaaboo
ODUU

Haala itti fayyadama Giddu-gala Gabaa Burraayyuu irratti leenjii kename.

Adooleessa 22-2002[DhRTVO]: Ejensiin Omishaa Gabaa fi Dhaabbanni Misooma Gabaa Qonnaa Oromiyaa, haala itti fayyadama Giddu-gala Gabaa Burraayyuu irratti, Daldaltoota Oromiyaa fi Magaalaa Finfinneetii walitti dhufaniif, Galma Waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin ta’uun leenjii kenneera. Haala waliigalaa, barbaachisummaa fi itti fayyadama Giddu gala gabaa Oromiyaa ijaarame akkasumas dambii ittin bulmaataa fi qaamota itti fayyadamatti akkamiin dabarsanii kennuun haala danda’mu irrattis leenjiin kennameera, jechuun kan gabaase Daandii Tamasgeeni.
Ergaa
BAGA BARA 2003 NAGAAN GEESSAN! Barri kun kan badhaadhinaa, kan gammachuufi kan guddinaa isinii haatahu jechaa DhRTVO Ayyaanicha isiin waliin Kabajuuf KONSARTII BIRRAA Qaammee 5, magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti Qophessera! Kottaa Ayyaana Bara Haarawaa waliin yaa kabjnu! Kaardiin seensaa iddoo adda addaatti gurguramaa jira.
 .... dabalata

Beeksisa



Beeksisa

You are visitor number