Thursday, September 09, 2010
Dh.R.TVOromiyaa :  Oduuwwan Gaggabaaboo
ODUU

Ummanni tajaajila fayyaa kennamaafii jiruun gammadaa jira jedhame

Adoolessa 20-2002 [DhRTVO]: Hawaasni tajaajila fayyaa akka argatuuf dhaabbileen fayyaa hojjatamu isaaniitiin, komiin kanan dura dhaabbilee fayyaatti ka’a turee hafee, hawaasni tajaajila kennamuufitti akka gamade, Pireezidaantii Itti aanaan Bulchiinsa Mootummaa naannoo oromiyaa, obboo Abduulaaziiz Mohaammad himan. Biiroon eegumsa fayyaa oromiyaa gootota fayyaa raawwii hojii isaaniitiin 1ffaa hanga 3ffaa bahan kuma lama ol badhaase. Gootoota fayyaa jedhamuun qamooleen badhaafaman kunneen, aanaalee godinoota ormiyaa irra hojjattoota ekisteenshinii fayyaa 794, maati adda duree 792 fi buufataalee fayyaa, Waajjiraalee Fayyaa, hospitaaloota fi kanneen biroo 1ffaa hanga 3ffaa bahan kuma lama ta’aniif badhaasni kun kan kenname. Sirna kanarrattis hospitaaloonni, Bishooftuu, Adaamaa fi Limuu-Ganaatti tajaajila kenna jiraniin sadarkaa oromiyaatti 1ffaa hanga 3ffaa bahuun waancaa badhaafamaniiru. Akkasumas, raawwii hojii isaaniitiin Godinni Shawa Bahaa fi Arsiin 1ffaa hanga 3ffaa ba’uun badhaafamaniiru. Hawaasni tajaajila fayyaa dhiyeenyatti akka argatuuf waggoottan shanan darban keessa dhaabbilee fayyaa babaal’isuu fi JBAH hojirra olchuun hojii hojjetameen, hawaasni kanaan dura balaalefachaa ture, badhaasa jira jedhan Pireezdantii itti aanaa Bulchiinsa mootummaa naannoo oromiyaatti Abduulaziz Mohammad. Buufataaleen fayyaa waggaa 5 dura 200 hin callee amma dachaa shaniin, hospitaaloonni ammo dachaan dabaluun, meeshaalee fi ogeessoonni guutamanii tajaajila saffisaa fi qulqulluu hawaasaaf akka kennan ta’ee jiras jedhan. Imaammata fayyaa ittisa dhukkuba kunuunsaa fi dagaagina fayyaa irratti xiyyeeffatee galman ga’uuf waggoottan shanan darban hojii hojjatameen hawaasa hubannoo isaa cimsuun rakkoo fayyaa keessattu dhukkuba daddarboo hir’isuun danda’ameera jedhan hogganaan biiroo eegumsa fayyaa oromiyaa obbo Shallo Dhabaa. Walgeettiin fayyaa waggoottan shanan darban harka 18 irra ture gara 88 guddateera. Akkasumas barana qofa hospitaaloonni 15 kan ebbifaman yoo ta’u 60’s xumurarra gahaniiru jedhan. Paakeejii ekisteenshinii fayyaa hojiirra oolchuuf hojjattoonni ekisteenshinii fayyaa kuma 12 fi 875 gandoota baadiyyaa keessatti ramadamanii hojjetaa kan jiran yoo ta’uu, bu’aa baadiyyaatti argame magaalaattis dabaluuf ogeessoonni ekisteenshinii fayyaa magaalaa 800 ta’an leenji’anii ramadamuuf jiru jedhan.
Ergaa
BAGA BARA 2003 NAGAAN GEESSAN! Barri kun kan badhaadhinaa, kan gammachuufi kan guddinaa isinii haatahu jechaa DhRTVO Ayyaanicha isiin waliin Kabajuuf KONSARTII BIRRAA Qaammee 5, magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti Qophessera! Kottaa Ayyaana Bara Haarawaa waliin yaa kabjnu! Kaardiin seensaa iddoo adda addaatti gurguramaa jira.
 .... dabalata

Beeksisa



Beeksisa

You are visitor number