Sunday, September 05, 2010
Dh.R.TVOromiyaa :  Oduuwwan Gaggabaaboo
ODUU

Ibsa Ejjennoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Adoolessa 21-2002 [DhRTVO]: Mootummaan Bulchiinsa gaarii Mirkaneessuun ummata gama hundaan itti fayadamaa misoomaa taasisuuf hojjii eegale cimsee itti fufa. Guddina diinagdee saffisaa jalqabame itti fufsiisuu keessatti hojiin bulchiinsa gaarii mirkaneessuu dhimma filannoo biraa hin qabneedha. Galmi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, sirna dimokiraasii ijaaramaa jiru saffisiisuu fi misooma si’ataa Ummanni irraa fayyadamaa ta’u dhugoomsuuf tattaaffii taasifamu milkeessuudha. Bulchiinsa gaarii mirkaneessuu jechuun, tajaajila si’ataa fi iftooma qabu ummata biraan gahuun, misoomaa fi sirna dimookraasii dagaage irraa fayyadamoo akka ta’u gochuu jechuudha. Haaluma kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan dabran keessaatti haala qabatamaa naannichaa irratti hundaa’uun sagantaalee bulchiinsa gaarii wixineessuun, kutannoodhaan hojiitti hiikee jira. 2. Sagantaalee fi Paakeejiiwwan Bulchiinsa gaarii baadiyyaa fi Magaalaatti akkataa hojiirra oolan irratti, qaamoolee addaddaa fi gageessitoota sadarkaan jiran, akkasumas kutaalee hawaasa addaddatiif hojiin hubannoo uumuu bal’inaan kennameera. Hojii bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf hojjetamu keessaa inni murteessaan tokko, adeemsa hojii harkifataa fi walxaxaa yeroo dheeraaf manneen hojii Mootummaa keessa ture hundeedhaa jijjiruudha. Gama kanaan waggootii darbanii asitti ademsa kenniinsa tajaajila itti gaafatamummaa qabu diriirsuudhaan jijjiiramni qabatamaan galma’aa jira. Manneen hojii jijjiirama bu’ura adeemsa hojii (JBAH) hojiirra oolchan keessatti, tajaajila quubsaa argachaa akka jiru hawaasni ragaa bahaa jira. kanaanis Tajaajilli kennamu bay’inaa fi qulqullinaan dabalaa yoo deemu, baasii fi yeroon inni fudhatu ammoo yeroodhaa gara yerootti fooyya’aa fi xiqqachaa dhufee jira. 3. Malli waljijjirraa odeeffannoo mannajmantii ( MIS) naannichaa keessatti akka hammayyaa’u gochuuf, hojii waradaa neetiidhaan quunnamsiisuu yeroo ammaa sadarkaa aanaalee fi seektaroota naannoo gidduutti ragaa waljijjiiruun danda’amee jira. Gurmaa’iinsa iftoomaa fi itti gaafatamummaa qabu diriirsuun, gandoota baadiyaa irratti maanaajara gandaa tajaajila idilee kennu ramaduun, rakkoo ummanni qabu achummatti akka hiikamu gochuuf hojiin raawwatame kan nama jajjabeessuu dha. Gama Tajaajila sirna haqaa saffisiisuutiin ummannii yaroodhaan murtii akka argatu gochuun, manneen murtii yaroo gannaa fi guyyaa sanbataa tajaajila akka kennaan taasifamuunii fi dhaddachii naanna’aan ummatatti gadi bu’ee tajaajila seeraa kennuu eegaluun isaa, naannichatti bulchiinsa gaarii miirkaneessuuf sochiin taasifamaa jiru miilkaa’aa jiraachuu isaa kan agarsiisuudha. 4. Walumaa galatti, ummata misoomaa fi dhimma isa ilaallatu hundarraatti hirmaachisuu fi mariisiisuun, rakkoolee bulchiinsa gaarii xiqqeessuuf sochiin taasifamaa jiru bu’a qabeessa ta’uu danda’eera. Hojiilee gurguddoo waggootii shanan dabran keessaatti rawwataman kanaanis, rakkoolee gama bulchiinsa gaariitiin magaalaa fi baadiyyaatti mul’achaa turan xiqqeessuun danda’ameera. Haata’u malee, hojiin bulchiinsaa gaarii mirkaneessuu, hojii qaama tokkoo qofa waan hin taaneef, hirmaannaa hawaasa bal’aa kan gaafatuudha. Hojimaata walxaxaa fi ilaalchota gufachiisoo, gubbaa hanga dakaatti jiran hundeedhaa jijjiruun, hiyyummaa xiqqeessuuf hojiin hojjetamaa jiru hawaasa bal’aa hirmaachisuun itti fufiinsaan kan hojjetamuu qabuudha. 5. Muuxannoowwan gaggaarii fi jijjiirama kunneen caalmaatti bu’aa qabeessa gochuuf, hirmaannaan hawaasa bal’aa misooma keessatti mul’ate bulchiinsa gaarii dhugoomsuu irrattis cimee itti fufuu qaba. Biiroo Beeksisaa fi Qunnamtii ummataa Oromiyaa Adoolessa 21 bara 2002. Finfinnee.
Ergaa
BAGA BARA 2003 NAGAAN GEESSAN! Barri kun kan badhaadhinaa, kan gammachuufi kan guddinaa isinii haatahu jechaa DhRTVO Ayyaanicha isiin waliin Kabajuuf KONSARTII BIRRAA Qaammee 5, magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti Qophessera! Kottaa Ayyaana Bara Haarawaa waliin yaa kabjnu! Kaardiin seensaa iddoo adda addaatti gurguramaa jira.
 .... dabalata

Beeksisa



Beeksisa

You are visitor number 51255