Sunday, September 05, 2010
Dh.R.TVOromiyaa :  Oduuwwan Gaggabaaboo
ODUU

Oromiyaa keessatti dhimmii qabaeenya uumamaa xiyyeeffannoo olaanaa erga argatee bubbuleera.

Adooleessa 21-2002[DhRTVO]: Bosonni Oormiyaa keessa jiru harki caalu daangeffamuun kanneen bosonnii irraa manca’ee ammo deebisee misoomaa jira. Dhaabbannii bosonaa fi bineesnsota bosonaa Oromiyaa qabeenya uumamaa naannoo jiran daangessuun mukkeen uumamaa fi bineensota duraan mana jireenyaa dhabanii baqatan akka deebi’an gochuuf hojjetaa jira. Haaluma kanaan Godina Horroo Gudduruu Wallaggaattis bosonni lafa heektaara kuma 44 fi 600 ol irratti daangeffamee xuxuqaa namaa fi beelladaaraa eegamee kunuunfamaa jira. Hojii egumsaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa kanaan hojii dhabdoonni 1200 hojii argataniiru. Bosona godinichaatii argamaan keessaa bosonnii caatoo tuulluu laafaa isaan gurguddoodha. Bosona daangeefame kana keessaa heektaari kuma 38 fi 75 bosona uumamaa yoo ta’u heektaarrii kuma 6 fi 600 irratti ammo namaan kan misome. Bu’aa bosonaa irraa Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti barana galiin birriii miliyoona 2 argamuusaa ragaan argannee ni mul’isaa Dhaabbatichi biqiltuu qopheessuun qonnaan bulaan naannoo qe’eessaa dhaabbatee akka kunuunfatu hojjetamaa akka jiru, dhaabbata bosonaa fi bineesota boosaana dame Wallaaggatti, qindeessaan Adeemsaa hojii karoora piromoshinnii fi gurgurtaa distriktootaa Obbo Oljirraa Alamuu himaniiru Misoomni bosonaa kun aanalee Godinicha shan keessatti misooma jiru gara aanaalee Godinichaa sagalanuu keessatti misoomsuuf hojjetamaa jira Bosona Horroo Guduruu Wallaggaa kana keessatti bineesonnii gurguggoo kanneen akka gafarsaa leencaa qeermsa warabboo fi kanneen biro argamu caalaatti misooma bosonaa Godinichaa mirkaaneessuuf baranas dabaltaan lafa heektaara 100 fi 97 irratti biqilrtuun gosa gara garaa dhaabatee kunuufamaa jira. Kun immoo qabeenyi uumamaa haalaa kanaan xiyyeeffannoo argachuusaa jijjiiramni qilleensaa yeroo ammaa addunyaaf soda guddaa ta’aa dhunfe kanaaf fala guddaa ta’a Kana malees hawata tuurizimii ta’uun madda galii guddaa ta’aa jira. Biyyoonnii gara garaas balaa jijjiirama qilleensaatiin dhufu kan jala of oolchuuf tarkaanifiiwwan adda addaa fudhacha jiru. Biyyii keenya Itoophiyaanis faalama qilleensa dhala namaaf yaaddoo guddaa ta’ee kana jalaa of baraarsuuf hojjetaa jirti . kaayyoo kan galmaan ga’uufis qabeenya uumamaa biyyaatti keessaa jiru daangeessuun kunuunsuu cinaatti, waggaa waggaan biqiltuun miliyoona hedduutu ummataa dhaabamaa jira.
Ergaa
BAGA BARA 2003 NAGAAN GEESSAN! Barri kun kan badhaadhinaa, kan gammachuufi kan guddinaa isinii haatahu jechaa DhRTVO Ayyaanicha isiin waliin Kabajuuf KONSARTII BIRRAA Qaammee 5, magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti Qophessera! Kottaa Ayyaana Bara Haarawaa waliin yaa kabjnu! Kaardiin seensaa iddoo adda addaatti gurguramaa jira.
 .... dabalata

Beeksisa



Beeksisa

You are visitor number 51255