Sunday, September 05, 2010
Dh.R.TVOromiyaa :  Oduuwwan Gaggabaaboo
ODUU

Magaaloota Roobee fi Goobbaatti tajaajilli bibila moobaayilii addaaan cituu isaatiin jiraattoonni komatan.

Adoolessa 19-2002 [DhRTVO]: Jiraattonni magaaloota Roobee fi Goobba kanneen kanaan dura tajaajila bilbila moobaayili haala barbaadameen argachaa turaniyyuu yeroo gabaabaan asitti immoo sababa hin beekkamneen tajaajila bilbilaa mobayilii waan hin argannef odeeffannoo waytaawa argachuu dhabuu, maatii fi firoottan isaanii iddoo fagoo jiran dubbisuu dhabuuf saaxilama jirra jedhan. Kana malees tajaajila bilbilaa mobayilii kana dhabuun Kenya rakkoo hawas diinagdee fi odeeffannoo gabaa yeroo isaa eeggate argachuuf rakkacha jirra jedhan jiraattoonni magaaloota lamaan kanaa. Jiraattonni magaala Roobee fi Goobba tokko tokkos akka dubbatanitti kanaan dura akkuma naannooleen biro tajaajila bilbilaa moobaayilii argachaa turus yeroo ammaa kana sababa tajaajila bilbilaa kanaa dhabuutiin rakkina guddaaf saxilamaa jirra jedhaniiti dubbatu. Hojii geggeessaan telekominikeeshinkorporeshinii Itophiyaa damee disrtiktii Baalee obboo Gammachuu dirribaa komii jiraattoonni magaalaa roobee fi Goobba qaban kanarratti gaffii gaafatamaniif deebii kennuuf fedhii waan hin qabneef furmaata isaa argachuu hin dandeenne. Jiraattoonni magaaloota kunneenis qaamni dhimmi ilaallatu rakkina qabnu kana hubatee furmaata atattamaa akka laatuuf dubbatan jechuun kan gabaase Seetu Gurmuuti.
Ergaa
BAGA BARA 2003 NAGAAN GEESSAN! Barri kun kan badhaadhinaa, kan gammachuufi kan guddinaa isinii haatahu jechaa DhRTVO Ayyaanicha isiin waliin Kabajuuf KONSARTII BIRRAA Qaammee 5, magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti Qophessera! Kottaa Ayyaana Bara Haarawaa waliin yaa kabjnu! Kaardiin seensaa iddoo adda addaatti gurguramaa jira.
 .... dabalata

Beeksisa



Beeksisa

You are visitor number 51255