Sunday, September 05, 2010
Dh.R.TVOromiyaa :  Oduuwwan Gaggabaaboo
ODUU

 

Baajata mootummaa sirnaan hojirra oolchuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira jedhame Adoolessa 22-2002 [DhRTVO]: Muxannoowwan gaggaarii hanga ammaattii argamanirratti hundaa’uudhaan waggoota shanan dhufan fedhii misooma ummataa sirnaan hojiirra akka oolu gochuuf xiyyeeffannaan akka hojjatu biiroon mallaqaa fii misooma diinagdee oromiyaa beeksise... dabalata

 

Haala itti fayyadama Giddu-gala Gabaa Burraayyuu irratti leenjii kename. Adooleessa 22-2002[DhRTVO]: Ejensiin Omishaa Gabaa fi Dhaabbanni Misooma Gabaa Qonnaa Oromiyaa, haala itti fayyadama Giddu-gala Gabaa Burraayyuu irratti, Daldaltoota Oromiyaa fi Magaalaa Finfinneetii walitti dhufaniif, Galma Waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin ta’uun leenjii kenneera.... dabalata

 

Ummanni tajaajila fayyaa kennamaafii jiruun gammadaa jira jedhame Adoolessa 20-2002 [DhRTVO]: Hawaasni tajaajila fayyaa akka argatuuf dhaabbileen fayyaa hojjatamu isaaniitiin, komiin kanan dura dhaabbilee fayyaatti ka’a turee hafee, hawaasni tajaajila kennamuufitti akka gamade, Pireezidaantii Itti aanaan Bulchiinsa Mootummaa naannoo oromiyaa, obboo Abduulaaziiz Mohaammad himan.... dabalata

 

Naannoo Oromiyaatti dhibee busaa dursaanii ittisuuf Hojiin Cimaa Hojjatamaa jira. Adooleessa 21-2002[DhRTVO]: Naannoo Oromiyaatti dhibee busaa dursaanii ittisuuf hojjii hojjatamaa jiruun barna golgaa siree raabsuufi keemikaa farra bookee busa biifuun xiyyeeffannaan hojjetamaa akka ture Biiroon Eegumsaa Fayyaa Ormiyaa beeksiiseera.... dabalata

 

Ibsa Ejjennoo Mootummaa Naannoo OromiyaaAdoolessa 21-2002 [DhRTVO]: Mootummaan Bulchiinsa gaarii Mirkaneessuun ummata gama hundaan itti fayadamaa misoomaa taasisuuf hojjii eegale cimsee itti fufa.... dabalata

 

Oromiyaa keessatti dhimmii qabaeenya uumamaa xiyyeeffannoo olaanaa erga argatee bubbuleera. Adooleessa 21-2002[DhRTVO]: Bosonni Oormiyaa keessa jiru harki caalu daangeffamuun kanneen bosonnii irraa manca’ee ammo deebisee misoomaa jira. Dhaabbannii bosonaa fi bineesnsota bosonaa Oromiyaa qabeenya uumamaa naannoo jiran daangessuun mukkeen uumamaa fi bineensota duraan mana jireenyaa dhabanii baqatan akka deebi’an gochuuf hojjetaa jira.... dabalata

 

Ummanni tajaajila fayyaa kennamaafii jiruun gammadaa jira jedhame Adoolessa 20-2002 [DhRTVO]: Hawaasni tajaajila fayyaa akka argatuuf dhaabbileen fayyaa hojjatamu isaaniitiin, komiin kanan dura dhaabbilee fayyaatti ka’a turee hafee, hawaasni tajaajila kennamuufitti akka gamade, Pireezidaantii Itti aanaan Bulchiinsa Mootummaa naannoo oromiyaa, obboo Abduulaaziiz Mohaammad himan.... dabalata

 

Buna biyya alaatti ergamerraa galiin birrii biliyoona shan argame Adoolessa 19-2002 [DhRTVO]: Oromiyaatti qulqullina bunaa egsisuu fi omisha isaa guddisuuf hojii hojjatameen waggoottan sadan darban keessa buna gabaa addunyaaf dhiyaate irraa birriin biliyoonni 5 argame.... dabalata

 

Magaaloota Roobee fi Goobbaatti tajaajilli bibila moobaayilii addaaan cituu isaatiin jiraattoonni komatan.Adoolessa 19-2002 [DhRTVO]: Jiraattonni magaaloota Roobee fi Goobba kanneen kanaan dura tajaajila bilbila moobaayili haala barbaadameen argachaa turaniyyuu yeroo gabaabaan asitti immoo sababa hin beekkamneen tajaajila bilbilaa mobayilii waan hin argannef odeeffannoo waytaawa argachuu dhabuu, maatii fi firoottan isaanii iddoo fagoo jiran dubbisuu dhabuuf saaxilama jirra jedhan.... dabalata

 

Mirkanaahuu bulchiinsa gaariitiif gaheen dargaggootaa ol aanadha jedhameAdoolessa 19-2002 [DhRTVO]: Bulchiinsa gaari mirkaneessuuf gaheen dargaggoota ol’aana ta’uu ,dhaabbanni Abbagar ummataa beeksise.... dabalata

 

<<<Duubatti

Fuulduratti>>>

Ergaa
BAGA BARA 2003 NAGAAN GEESSAN! Barri kun kan badhaadhinaa, kan gammachuufi kan guddinaa isinii haatahu jechaa DhRTVO Ayyaanicha isiin waliin Kabajuuf KONSARTII BIRRAA Qaammee 5, magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti Qophessera! Kottaa Ayyaana Bara Haarawaa waliin yaa kabjnu! Kaardiin seensaa iddoo adda addaatti gurguramaa jira.
 .... dabalata

Beeksisa



Beeksisa

You are visitor number 51255